(Bilisummaa, 2 Sadaasa 2011) Yeroo ammaa kanatti magaalaan muummee mootummaa naannoo Oromiyaa ifaan sirratee akka hin jirre beekame.
Odeessi gola mootummaa OPDO keessaa bahe akka hubachiisutti, bara 1991 hanga Adoolessa 2000tti magaalaan muummee Oromiyaa Finfinnee turte.
Haata’uutii, dhiibbaa mootummaa Mallasaatiin Caffeen Oromiyaa teessuma dhumaa Adoolessa 2000 keessa taa’een magaalaa muummee mootummichaa gara Adaamaatti jijjiiree ture.
Garuu, diddaa fi mormii walitti aanee irratti adeemaa tureen bara 2005 keessa mootummaan sun magaalaa muummee mootummichaa gara Finfinneetti akka deebise labse.
Haala sanaan kan wal qabates, magaalaa Finfinnee keessatti sochiin ijaarsaa akka haaraatti kan eegale ta’us, haga yoonaatti heera mootummaa naannoo Oromiyaa keeyyata jaha jalatti magaalaan muummee Adaamaa ta’uu ibsaa jira.
Keewwata 6
Magaalaa Muummittii
Magaalaa Muummitiin Oromiyaa Adaamaadha.
http://oromiyaa.com/images/Labsii%20Lak%2046%201997.pdf
Yeroo dhiyootii asittis mootummaan Itoophiyaa Waldaa Maccaa fi tuulamaa yeroo sadaffaaf akka biyyattii keessatti hin sochoone dhorguun isaa gabaasamaa jira.