(Bilisummaa, 13 Onkoloolessa 2011) Ummanni Oromoo aadaafi duudhaasaa keessatti ayyaantuuwwaniif iddoo guddaa qaba. Oromoon ayyaantonni kan Waaqa tokkichaan filataman jedhe waan amanuufis kabajaafi jaalala guddaa qabaaf. Ayyaantonni sirna kabajamaafi dimokraatawaa Oromoon durirraa qabee ittiin of bulcha ture, Gadaa keessattis ga’ee olaanaa qabu.
Dhimma kanarratti kan dubbisneefi kan fodda intarnatiirraa arganne walitti qindeessinee dhiheessinee akka ittaanutti dubbistoota keenyaaf dhiyeessineerra.
Ayyaantu
Warri ayyaantuu jedhaman osoo hinqaallomiin kennaa Waaqaatiin kan milkooman, waanti hojjetaniifi dubbatan kan fiixaan bahuuf, kanneen akka maallimaa, waataa, eker-dubbiftuu, moora laaltuu, dhaha-dhooftuu akkasumas, deessiftuufi caba wal’aanan maqaa dhahuun nidanda’ama. Mee isaan muraasa tokko tokkoon haalaallu.
Maallima
Warri Maallima jedhaman gosa ayyantuwwanii keessaa tokko ta’anii seenaa ofii kan qabaniidha. Maallimni gosa hangafummaafi kennaa addaa Waaqarraa argatan qabu. Kunis yoo eebbisan dhageessifachuufi yoo abaaran balleessuu kan danda’an warra arraba gurraachaati jedhamu. Akkasumas, yoo caamni hammaate Waaqa kadhatanii roobsuufi roobni yoo hammaate caamsuuf kennaa addaa warra qabaniidha. Isaan kunniin naannawa tokko tokkotti Caamsituus ni jedhamu. Kana malees yeroo ongeen hammaatuufi yoo roobni yeroosaa eeggatee dhaabbachuu dide, ‘Jaarii’ ba’anii kadhachuun ykn galma warra Qaalluutti ‘Jifuu’ barbaachisu guutanii kadhachuun irraa argatu. Kun haala qabatamaan ummata Waaqeffannaadhaan bulu biratti beekamaadha.
Eker-dubbiftuu
Isaan kun lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisaniifi maatiifi qe’eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kennaniidha. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte osoo mijuu dhibaayyuu hinbaasiin dura qe’ee warra Eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa ekeraa dhaga’u. Eker-dubbiftuun aara gaayyaa ykn ixaanaa ilaaluun ekeraa dubbisuuf kennaa Waaqni qoodeef niqabu. Akkasiin ekeraan nama du’ee sun du’asaaf/ isheef waan sababa ta’e, dhibaayyuu akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, fuula duraa maatiin sun maalirraa of eeggachuu akka qaban dhaamtiif.
Moora Laaltuu
Warri kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hindandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaafi ixaanaa ilaaluun waan namaaf hoodan qabu. Kun akka mammaaksa Oromootti, “Oromoon hooda bula” jedhama. Fakkeenyaaf warra moora ilaaluun beekaman keessaa Godina Shawaa Lixaatti, Mooraa Naatoo, Mooraa Galataa, Bayyaniifi kan amma lubbuun jiruufi hojii kanaan beekamu Moora Shunee kan jedhaman keessaa hanga tokko maqaa dha’uun nidanda’ama.
Kanneen malees isaan harkisaaniifi afuurrisaanii namaaf dawaa ta’u, deessiftuu kan dubartoota deessisan, namoota sababa garagaraatiinn balaan cabiinsaa irra ga’e kan wal’aanan, dhukkuboota addaddaatiif dawaa kan kennan (cirreessa)fi kannneen rakkima addaddaatiif gorsaafi gargaarsa kennan maqaansaanii kan hintuqamiin heddutu jiru.
Walumaagalatti aadaa Oromtichaa keessatti ayyaantuuwwan irranatti eeraman qofa osoo hintaane ayyaantuuwwan heddu kan jiran yoo ta’u, namoonni waa’ee kanaa odeeffannoofi hubannoo ga’aa hinqabne hedduun (Oromoos ta’e qomoon biraa) garuu, waaqeffannaa addaa ykn waaqa tolfamaatti amanuu waliin walqabsiisu.
Garuu dhugaa jiru addaan baasanii barsiisuun haayyota, beektotaafi maanguddota Oromoorraa kan eegamu ta’a. Qaamni dhimmicharratti hubannoo ga’aa qabu isa hinbeekne hubachiisuudhaan komii seenaa jalaa of baraaruu qaba jenna.
Kaan barressee: Saamraawiit Girmaa
Guyyaa: 2011-07-29 00:00:00