Seenaa Garbummaa Oromoo

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Gurguraman-
Kutaa 1ffaa

Waa’ee Oromoota gabrummaan gurguramanii qorataa kan jiran Saandraa Roowoolt Sheel Yunivarsitii Keep Tawoon irraa VOAf akka ibsantti bara 1888 jechuun waggaa 123 dura ijoolleen Oromoo biyya maatii isaanii waliin jiraataa turan keessaa qabamanii gabrummaatti gurguraman.

Galaana Dimaa eega geessamanii booda Bidiruu sadiin fe’amanii gara gabaa Araboonni garba itti gurguranii geessamaa otuu jiranii kan naannoo sana ture humni Galaanaa kan Biriteen giddu seenee namoota 204 walaba baase. Kanneen keessaa 183 ijoollee turan. Duea gara Edenitti isaan geessan.

Ijoolleen Oromoo kun kanneen imala hamtuu keessa darbanii, beelaa fi caamaan midhaman waan ta’aniif 11 ka ta’an Eden keessatti du’an. Walakkaa kan ta’an musleemoota waan turaniif namoonni Eden jiraatan fudhatanii guddisan.

Kanneen biroon Waaqeffatoota amantii aadaa waan turaniif misiyononnii fudhatanii guddiisuuf waggaa tokko caalaa yaalaniii, haalli qilleensaa hamaa waan itti ta’eef gara Afrikaa Kibbaatti dabarsanii ergan. Sana booda maaltu ta’e? Kutaa tokkooffaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.
sagantaa

Sandra Rowoldt Shell kanneen i-meeliin qunnamuu feetan sshell@iafrica.com akkasumas Fees Book gargaaramu dandeessan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Connecting to %s